Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensichaa xiyyaara imaltootaa xiyyaara fe’iisaatti jijjiire

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa xiyyaara geejjiba imaltootaa gara xiyyaara tajaajila fe’iisaatti jijjiiruu beeksise.

Xiyyaaricha gara xiyyaara tajaajila fe’iisaatti kan jijjiire Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Dhaabbata Iwuroospees Israa’eel waliin ta’uun eerameera.

Xiyyaaricha gara tajaajila fe’iisaatti jijjiiruun baatiiwwan 6 kan fudhate fi Doolaarri miiliyoona 14 baasii ta’eera jedhame.

Xiyyaarichi biyya alaatti utuu hojjetamee Doolaarri miiliyoona 20 baasii akka ta’u eerameera.

Hojiin xiyyaaricha gara tajaajila fe’iisaatti jijjiiru Afrikaarraa kan jalqabaa ta’uu ibsameera.

Saganticharratti Hoji Gaggeessan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Obbo Masfiin Xaasawu, Ministirri Ministeeraa Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa fi kanneen biroon argamaniiru.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa badhaafamaa Tajaajila fe’iisaa filatamaa Afrikaa 2022 ta’uun kan yaadatamuudha

Abrahaam Faqqadaa fi Layikun Alamtu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.