Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira Dhimma Alaa Ruwaandaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC)- Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Ministira Dhimma Alaa Ruwandaa Veensent Biruutaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Obbo Dammaqaan, biyyoonni lameen hariiroo yeroo dheeraa qabaachuu kaasaniiru.

Biyyoota lameen gidduu hariiroo damee hedduu jiru guddisuun akka barbaachisuus ibsan.

Kan malees, ityoophiyaatti fooyya’iinsa hojiirra oolaa jiran irratti ibsa kennaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Ruwaandaa Veensenti Biruutaa gama isaaniin, hariiroon biyyoota lameenii michummaa baratameerra darbuun tumsummaa cimaarratti kan hundaa’e ta’uu eeraniiru.

Ruwaandaan, Ityoophiyaa tokkummaan ishee eegamee fi cimtuu arguu akka barbaadduu ibsuun, hariiroo biyyoota lameenii gidduu caalmaan cimsuuf carraan jiraachuu himaniru

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.