Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi misooma manneenii Aqaaqii Qaallittii yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf ittigaafatamummaan hojjechuun barbaachisaadha- Obbo Jaanxiraar Abbaay

Finfinnee, Onkoloolessa 1 ,2015(FBC)- Ijaarsi misooma manneenii Aqaaqii Qaallittii yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramaniif ittigaafatamummaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Ittaanaan Kantiibaa Magaalaa Finfinnee  Obbo Jaanxiraar Abbaay yaadachiisan.

Obbo Jaanxiraar Sadarkaa ijaarsa manneen walitti hidhamanii Aqaaqii Qaallittii kan daawwatan yoo ta’u, sababa xixiqqaan ijaarsi manneen kanneenii akka hin harkifanneef bulchiinsi magaalichaa deeggarsa ni taasisa jedhaniiru.

Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Misooma Manneenii magaalichaa aadde Yaasmiin Wahaabrabiin gamasaaniin, iddoon ijaarsaa walakkaan isaa bilisa ta’uu dhabuun, hanqinni galteefi waqtiin gannaa darbe ijaarsi manneen kanneenii ariitii barbaadameen akka hin hojjetamne taasisuu eeraniiru.

Piroojektichi yeroo qabameefitti akka hin xumuramneef rakkoolee adda baafamani irratti kallattiin furmaataa kaa’amuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.