Ityoophiyaan Giddugala invastimantii Afrikaa Bahaa taatee itti fufteetti-Pir. Saahilawarqi Zawudee
Finfinnee, Fulbaana 30, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan dhiibbaawwan alaa hedduu mudatan keessatti ammallee Giddugala invastimantii Afriikaa Baha taatee itti fufteetti jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen.
Pireezidaantiin Saahilawarqi Zawudeen sirna baniinsaa Mana Maree Federeeshinii fi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa har’a gaggeffamerratti akka ibsanitti, bara 2014tti damee diinagdee gooroon dhiibbaawwan idil addunyaa uumamanis milkaa’inni diinagdee olaanaa ture.
Weerarri Vaayirasii Koronaa, Hongeen fi balaa lolaa, keessatti guddinni invastimatii alaa, alergee fi daldalaan milkaa’inaa olaanaan galmaa’uu kaasaniiru.
Milkaa’ina argamaniif dameen qonnaa, albuudaa fi maanufaakchariingiin gumaacha olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Dameen tajaajilaas guddina argisiisuu kan ibsan Pireezidaanti Saahilawarqi, Ityoophiyaan dhiibbaawwan alaa hedduu mudatan keessa darbitus, ammallee Giddu gala invastimantii afrikaa baha taatee itti fufteetti.
Bu’aaleen gaggaariin galmaa’anis qaal’iinsi gatii, lammiileerratti dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa fiduu cinaatti hudhaa diinagdee gooroo ta’uu himaniiru.
Qaala’iinsa gatii dabalaa dhufe furuuf bara 2015tti hojiileen diinagdee tasgabbeessuu kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.