Fana: At a Speed of Life!

Harargee Bahaatti Bishingaan Sanyii filatamaa lafa hektaara kum 1 fi 200 ol irratti misoomaa jira

Harargee Bahaatti Bishingaan Sanyii filatamaa lafa Finfinnee, Fulbaana 29, 2015 (FBC) – Godina Harargee Bahaatti Bishingaan Sanyii filatamaa lafa hektaara kuma 1 fi 200 ol irratti misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa godinichaa beeksisee.

Haala qilleensa godinichaa giddugaleessa godhachuun Bishingaa sanyii filatamaa Malkaam jedhamu yeroo gabaabatti gahu sanyii isaa baay’isuuf godinichatti lafa hektaara kuma 1 fi 200 ol irratti misoomaa jiraachuu ibsameeraa.

Itti Gaafatamaan waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Harargee Bahaa Obbo Geetaahun Nigaatuu godinichatti roobni ciccitaa ta’uu isaan oomishtummaa qonnaa dabaluuf Bishingaan sanyii filatamaan ji’a saditti gahu aanaale 6 keessatti lafa hektaara kumna 1fi 200 irratti kilaastaraan misoomaa jiraachuu himaniiruu.

Bishingaa sanyii filatamaa kana yeroo itti aane aanaalee gammoojjii 15 keessatti babal’isuuf hojjatamaa jiraachuus Obbo Geetaahun kaasaniiruu.

Bulchituun Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Muhaammad aanaalee godinichaatti rakkoo hongee muudataa tureen oomishni qonnaan bulaa manca’uu kaasuun, kana bakka buusuuf sanyiiwwan filatamaa yeroo gabaabatti gahan qonnaan bulaa biraan gahuuf hojjatamaa jira jedhan.

Nageessoo Kadirtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.