Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii lixaatti Dhaabbanni barumsa ijoollee jedhamu mana kitaabaa Birrii miiliyoona 2 ijaarsise eebbisiise

 

Finfinnee, Fulbaana 29, 2015 (FBC) – Godina Arsii lixaa Aanaa Adaabbaatti Dhaabbanni Barumsa ijoollee jedhamu mana kitaabaa Birrii miiliyoona 2 ijaarsiise eebbisiiseera.

Hundeessaa fi pireezdaantiin dhaabbata Barumsa Ijoollee Piroofeesar Zarihuun Taddalee manni kitaabaa ijaarame kun manni barumsichaa meeshaalee baruu fi barsiisuu irratti rakkoo qabu furuun barumsa ammayyaa waliin gayuuf furmaata jedhan.

Manni kitaabichaa kitaabota, wiirtuu kompiyuutaraa fi yaalii saayinsii akka qabu himameera.

Walumaagalatti manni kitaabaa kun kitaabota 800 ol, kompiiyuutara 20 fi yaalii laabraatoorii qaba jedhame.

Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa godina Arsii Lixaa Piroofeesar Jamaal Shaankoon gama isaaniin Barnoota qulqullina qabu mirkaneessuuf manneen barnootaa keessatti meeshaaleen baruu fi barsiisuu murteessoo ta’uu fi sirnaan akka itti fayyadaman dhaamsa dabarsaniiru.

Jibriil Huseen fi Jamaal Kadiiroottu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.