Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’ina Hidha Haaromsaa, Ashaaraa magaariisaa fi nisooma Qamadiin argame qulququlli barnootarratti ni daballa – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 29, 2015 (FBC) – Milkaa’ina Hidha Haaromsaa, Ashaaraa magaariisaa fi nisooma Qamadiin argame qulququlli barnootarratti ni daballa jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

MM Abiy Ahimad barsiisota guutuu biyyattii qormaata biyyaalessaa qoraniif ergaa dabarsaniiru.

Baroota darban sirni qormaata sababoota garaagaraan rakkoo adda addaaf saaxilamee turuu eeraniiru.

Bara kana rakkoo kana keessaa ba’uuf tattaaffii taasiifame milkeessuuf barsiisoonni itti gaafatamummaa isaanii amanamummaan akka ba’an gaafataniiru.

Qophii duraa eegalee adeemsi qormaataa hanga ammaa milkaa’aa ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birihaanuu Naggaan ibsaniiru.

Adeemsi qormaatichaa milkiin akka xumuramu qooda fudhattoonni hundi ga’aa isaani itti gaafatamummaan akka ba’an yaadachiisuu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.