Tookiyootti waltajjiin filannoowwan invastimantii Ityoophiyaa beeksisu gaggeeffame
Finfinnee, Fulbaana 25, 2015 (FBC) – Jaappaan magaalaa Tookiyootti waltajjiin carraafi filannoowwan invastimantii Ityoophiyaa beeksisu gaggeeffame.
Waltajjicha Komishinii Invastimantii Ityoophiyaafi Paarkii Indaastirii dhuunfaa Waadaan waloon qopheessuu ta’uu eerameera.
Waltajjichaan dhaabbilee Jaappaan dameewwan qindeessaa oomishaalee qonnaa, maxxansa, Faarmaasiyuutikaalii, anniisaa, elektirooniksiifi faayinaansiirratti bobba’aniif filannoowwan invastimantii Ityoophiyaarratti ibsi laatamuu ibsameera.
Ittaanaan Komishinara Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Daani’eel Tarreessaan, jajjabeessituuwwan invastimantii Ityoophiyaa, jijjiiramaafi fooyya’iinsa imaammataa taasifaman akkasumas haalota mijatoo invastimantiifi hojiimaata invastimantii irratti abbootii qabeenyaa biyyattiif ibsa taasisaniiru.
Dabalataanis jilichi dhaabbata beeksisa invastimantiifi biiznasii Jaappaan JETRO waliin Carraafi filannoowwan invastimantii Ityoophiyaa beeksisuufi abbootii qabeenyaa Jaappaan gara Ityoophiyaatti affeeruun invastimantii biyyattii akka daawwatan haala taasisuun danda’amurratti mari’achuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.