Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen daandii baaburaa Birrii miiliyoona 100 olitti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC)- Birrii miiliyoona 100 olitti kan tilmaamu meeshaaleen ijaarsa daandii baaburaaf oolan saamamuun seeraan alaa wayita daddabarfaman to’atamuu Poolisiin Magaalaa Shawaarobiit beeksise.

Mootummoota naannolee fi federaala dhimmichi ilaallatun meeshalee kanneen eegsisuu fi walitti qabuu dhabuun walitti bu’iinsa naannawichatti mudataniif ka’umsa ta’aa jiraachuu poolisiin ibseera.

Itti Gaaftamaan Kutaa Qorannoo Yakkaa Waajjiraa Poolisiin Bulchiinsa Magaalichaa Gargaaraa Inispeektaraa Masfiin Birhaanuu akka ibsanitti, hojiin diriirsa daandii baabuuraa Waldiyaa-Hara Gabaya-Kombolchaa-Shawaaroobiit sababa waraanaan gufatee hojiin isaan dhaabachuu ibsaniiru.

Hojicha olaantummaan kan gaggeessaa ture dhaabbanni Turkii Yaapii Markazii fi qaamoleen federaalaa dhaabbaticha hogganan meeshalee sirnaan walitti qabuu dhabuun saamichaa fi qisaasamaaf saaxileera jedhan.

Meeshalee saamaman keessaa Shawaa Roobiitii baafamuuf kan turan Birri miiliyoona 100 olitti kan tilmaamaman mootarootaa konkolaataa, hadiidaa, akkasumaas keebiloota fi meeshaaleen biroon to’annoo jala oolfamuu ibsan.

Meeshaaleen kunneen qabeenya ummataa waan ta’aniif bulchiinsi magaalichaa xiyyeeffannaa addaan akka walitti qabuuf yaalii taasisaa jiraatus, hawaasaa naannawaa daangaa akkasumas namoota dhuunfaa hedduu gidduutti yakka walitti bu’iinsaaf ka’umsa waan ta’eef nageenya hawaasa magaalattiif rakkoo ta’aa jira jedhan.

Kanaaf qaamoleen dhimmichi ilaallatu, qaamoleen federaalaa fi naannoo dhimmichaaf furmaata hatattamaa akka kennan gaafataniiru.

Irra deddeebiin qabeenyichi qisaasa’aa waan jiruuf qaama dhimmichi ilaallatu beeksisuu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.