Fana: At a Speed of Life!

Ityoopiyaan walta’iinsa Gamtaa Idil Addunyaa Teelekoom waliin qabdu cimsitee akka itti fuftu mirkaneessite

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan walta’iinsa Gamtaa Idil Addunyaa Teelekoom waliin qabdu cimsitee akka itti fuftu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Siwiizarlaanditti Bakka Bu’aan Dhaabbii Ityoophiyaa Ambaasaaddar Zannabaa Kabbadaa himan.

Yaa’iin waliigalaa Gamtaa Idil Addunyaa Teelekoom Roomaaniyaa Bukaareessitti gaggeeffameera.

Yaa’icharratti Ambaasaaddar Zannabaa Kabbadaa, Ityoophiyaan damee misooma teelekomiin, ce’umsa dijitaalaa fi damechaan haala mijataa uumuuf hojiilee hojjechaa jirtu ilaalchisuun yaa’ichaaf ibsa kennaniiru.

Ityoophiyaan Gamtaa Idil Addunyaa Teelekoom waliin walta’iinsa qabdu cimsitee akka itti fuftu kan mirkaneessan ambaasaaddarichi, ajandaa fooyyessa diinagdee biyyaa keessaan damee teelekominikeeshiniif xiyyeeffannoo kennuu himaniiru.

Karoorri tarsiimawaan Dijitaal Ityoophiyaa 2025 ragga’uun hojiitti seenuu, damee teelekoom gartokkeen gara dhuunfaatti naannessuu fi naannawaa dijitaalaa mijataa uumuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.