Atileet Daraartuu Tulluuf guddinni gulantaa Gargaartuu Komishineeraa kennameef
Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC)- Komishinni Komishinii Manneen Amala Sirreessaa Federaalaa Koomaandar Atileet Daraartuu Tulluuf guddina gulantaa gargaartuu Kimishinaraa kenne.
Komishiniin Mana Amala Sirreessaa Federaalaa hoggantootaafi hojjettoota raawwii hojii olaanaa galmeesisaniif sagantaa badhaasaafi beekamtii kennuu gaggeesseen Koomaandar Atileet Daraartuu Tulluuf guddina gulantaa gargaartuu Komishinaraa kenneeraafi.
Koomaandar Atileet Daraartuu Tulluun, gulantaa kennameefitti gammaduu ibsuun, nageenyaaf guddina biyyaaf hojjechuun Alaaba biyyaa keenya ol haa kaafnu jechuu OBN gabaasera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.