Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi hoggantootaafi hojjettoota raawwii hojii olaanaa galmeesisaniif badhaasaafi beekamtii kennaa jira

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC)- Komishiniin Manneen Amala Sirreessaa federaalaa hoggantootaafi hojjettoota ergama duula seera kabachiisuufi raawwii hojii olaanaa galmeesisaniif badhaasaafi beekamtii Hotela Sharaatanitti kennaa jira.

Sagantichaan hoggantoonni tarsiimoo  olaanoon, badhaafamtoonni Ispoortii addaa, Manneen Amala Sirreessaa naannolee, Kora Bittinneessaan, Gareen Muuziqaafi Tiyaatiraa akkasumas namoonni dhuunfaa ni badhaafamu jedhameetu eegama.

Sirna beekamtii kennuu kanarratti Ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay dabalatee Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny, Komishinarri Komishinii Manneen Amala Sirreessaa Federaalaa Daammanaa Daarootaa, Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Xiimootiiwoosiifi hooggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamuu eerameera.

Sagantichaan Koomaandar Atileet Daraartuu Tulluun Badhaafamtuu addaa ta’uu akka dandeessuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.