Fana: At a Speed of Life!

Buufaticharraa sa’aatiitti Anniisaa Giiggaa Waattii 220 maddisiisuuf karoorfame

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC) – Bara baajataa 2015tti Buufata Maddisiisaa Anniisaa Elektirikii ‘Ciis Abbaay’ Lakkoofsi 2 irraa sa’aatitti Anniisaa elektirikii Giiggaa Waattii 220 maddisiisuuf karoorfamuu Humni Elektirikii Ityoophiyaa ibse.

Hoji Gaggeessan Buufatichaa Obbo Dajanee Guutaa akka eeranitti, karooricha milkeessuuf hojii oppireeshiinii amansiisaa taasisuuf karoorrii suphaa tasaa idileen hojiirraa oolaa jira.

Waqtii Gannaa hammaa bishaanii uumamu fayyadamuun tarbaayinoonni ga’umsa guutuun akka hojjetan taasisfamuu fi tarbaayinoonni kunneen ga’umsa guutuun annisaa maddisiisaa jiru jedhan.

Meeshaalee jijiiiraa gabarraa salphaatti hinargamnes ga’umsa ofiin hojii fooyyessaa hojjechuun dhaabatichaa baasii hinmallerraa baraaruun akka danda’ames himaniiru.

Buufanni Anniisaa Elektirikii Ciis Abbaay bara baajataa darbe, sa’aatiitti anniisaa Giiggaa Waattii 157.8 maddisiisuuf karoorfame keessaa Giigaa Waattii 182.3 maddisiisuun akka danda’ame ragaan Humna Elektirikii Ityoophiyaarra argame ni ul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.