Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan yeroo qormaataa kutaa 12ffaa ifoome

Finfinnee, Fulbaana 21, 2015 (FBC) – Ministeerri Barnootaa sagantaan yeroo kenniinsa qormaataa kutaa 12ffaa ifoomseera.

Haaluma kanaan marsaa jalqabaan barattoonni Saayinsii Hawaasaa Fulbaana 26 hanga 28, 2015 gara Yuunivarsiitii ramadamanii kan seenan yoo ta’u, Fulbaana 29, 2015 ammoo oorenteeshinii kennama jedhameera.

Fulbaana 30 hanga Onkoloolessa 2, 2015 tti qormaanni kan kennamuu yoo ta’u Onkoloolessa 3 fi 4 ammoo kanneen qoraman gara naannawaa dhufaniitti deebi’u jedheera.

Marsaa 2ffaan ammoo barattoonni Saayinsii Uumamaa kan qoramaata fudhatan ta’uun eerameera.
Haaluma kanaan Onkoloolessa 5 fi 6, 2015 barattoonni qormaataa fudhatan gara Yuunivarsiitii kan seenan yoo ta’u Onkoloolessa 7 orenteeshinii fudhatu jedhameera.

Onkoloolessa 8 hanga 11tti qormaatichi kan kennamuu yoo ta’u Onkoloolessa 12 fi 13, 2015 barattoonni gara naannawaa isaaniitti akka deebi’an ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.