Oromiyaatti hojii invastimantii bara 2014tti hojjetameen bu’aa gaariin argamaa jira jedhame
Finfinnee, Fulbaana 14, 2015(FBC)- Naannoo Oromiyaatti bara 2014 eeyyama invastimentii kuma 3fi 588 kennuun hojjetameen bu’aa gaariin argamuu hogganaan Biiroo Invastimantiifi Indaastirii Oromiyaa Dooktar Tashoomaa Addunyaa ibsan.
Dooktar Tashoomaan haasawaa kabaja hundeeffama waggaa 9ffaa Waldaa Daldalaa Dhuunfaa Arfaasaa magaalaa Adaamii Tulluutti kabajamaa jirurratti taasisaniin, waldaalee dhuunfaa hojii invastimantii sharafa alaa argamsiisaa jiraniif mootummaan naannoo Oromiyaa galata guddaa qaba jedhaniiru.
Waldichi waggaatti mootummaaf gibira Birrii miiliyona 57 galii taasisaa jiraachuu ibsameera.
Waldichi bara darbe sharafa alaa Doolaara miiliyoona 30 argamsiisuun guyyaa bunaa torban darbee kabajame irratti dhaabbilee raawwii hojii gaarii galmeessisuun badhaafaman keessaa tokko ta’uun isaa kan yaadatamudha.
Minaalee Gabayyootu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.