Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Jigjigaa barattoota muummeewwan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture 700 ol eebbisiise

Finfinnee, Fulbaana 14, 2015(FBC)- Yuunivarsiitiin Jigjigaa marsaa 14ffaan barattoota muummeewwan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture 700 ol  eebbisiise.

Sirna eebbichaarratti hogganaan Waajjira Pireezidaantii naannoo Somaalee Dooktar Huseen Qaasim, Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Bashir Abdullaahii, maatiin eebbifamtootaafi keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Yuunivarsiitichi guyyaa har’aa barattoota 704 kan eebbisiise yoo ta’u, kanneen keessaa 428 damee fayyaan digrii jalqabaan kan eebbifaman ta’uu TOI gabaaseera.

Kanneen hafan dameewwan barnootaa, edukeeshinaal maaneejimantii, sooshiyooloojii, maaneejimantiifi akkaawuntiingiin digirii 2ffaan kan eebbifaman ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.