Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa Hadiyyaa kabajamaa jira
Finfinnee, Fulbaana 14, 2015(FBC)- Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa Hadiyyaa “Yaahoodeen “ magaalaa Hoosaanaatti kabajamaa jira.
Ayyaanichi bakka hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa, naannoleefi godinaa argamanitti kabajamaa jiraachuu eerameera.
Ayyaanicharratti Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa, Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, Ministirri Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammadiifi Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen argamuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.