Balaa Ibiddaa Aqaaqii Qaallittiitti uumameen lubbuun namaa darbe
Finfinnee, Fulbaana 14, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii aanaa 13 naannoo Tulluu Diimtuutti balaa ibiddaa uumameen lubbuun namaa darbe.
Balichaan suuqiiwwan pilaastikii, sharaafi meeshaalee sasalphaarraa ijaaraman 15 gubachuu eeramera.
Balichi gara naannoo biraatti osoo hin babal’atiin to’atamuu ogeessi sab-quunnamtii Komishinii Hoggansa Ittisa Ibiddaafi Balaa magaalichaa obbo Nigaatuu Maammoon Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.
Qabeenya Birrii miiliyoona 5 shallagamu baraaruun danda’amuu kaasaniiru.
Haa ta’u malee suuqiiwwan kanneen keessatti dargaggoon daldala kitaabileerratti bobba’ee jiru bakkuma ciisee jirutti lubbuun isaa darbuufi qabeenyi Birrii kuma dhibba 3tti tilmaamamu manca’uu eeraniiru.
Balichi guutummaan guutuutti to’achuuf sa’aatii 1 fudhachuu ibsaniiru.
Ka’umsi balichaa poolisiin qoratamaa jiraachuu dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.