Masqalli duudhaa isaan akka kabajamuuf hunduu gahee isaa akka bahatu waamichi dhiyaate
Finfinnee, Fulbaana 13, 2015(FBC)- Ayyaanni Masqalaa duudhaa amantaa isaa haala eeggateen akka kabajamuuf hunduu gahee gama isaa akka bahatu Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa waamichi dhiyeese.
Manni amantichaa Ayyaana Masqaalaa fi Daamaraa Fulbaana 16 fi 17 kabajamu ilaalchisee ibsa kenneera.
Hoji Gaggeessaa Olaanaan Mana Lubummaa Waliigalaa Paatiriyaarkii Ordodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa fi Phaaphaasiin Kutaa Lallabaa Baahirdaar Abuuna Abirahaam baga nagaan Ayyaana Masqalaa bara 2015 geessan jechuun ergaa dabarsaniiru.
Manni amantichaa nageenyaa kan labsu, hordoftoonnis nageenyaa fi jaalala lallabaa kabajuu qabu jedhaniiru.
Hordoftoonni ayyaanichaa wayiita kabajanis uffannaa kabajaa uffachuu, uffannaalee fi dhaadannoowwan ayyaanicha waliin hindeemne qabachuurra akka of qusatan akkasumas qaamolee nageenyaa mootummaan bobbaasuu deeggaruun ayyaanichi nagaan akka kabajamu waamicha dhiyeessaniiru.
Hordoftoonni, hordoftootaa amantii biroo fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun ayyaanichi duudhaa isaa eeggatee naamusaan, nagaa fi jaalalaan akka kabajamu waamicha dhiyaateera.
Qiddisti Abaateetu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna