Fana: At a Speed of Life!

Barattoota kutaa 12ffaa Yuunivarsiitii itti qoramanirraa fagoo ta’aniif baasiin geejjibaa ni uwwifama jedhame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015 (FBC)- Barattoota Kutaa 12ffaa Yuuniivarsiitii qormaata itti fudhatanirraa fageenya kiiloomeetira 50 ol imalaniif baasiin geejjibaa manneen barnootaafi aanoleen kan uwwifamu ta’uu ibsame.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa marsaa lamaan Fulbaana 30- Onkoloolessa 17, 2015tti kennamuuf qophiin xumuramuu Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee Biyyaalessaa beeksise.

Maxxansa qormaataa dabalatee qophiilee barbaachisoon xumuramuu Daayrektarri olaanaan tajaajilichaa Dooktar Isheetuu Kabbadaan Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Kaffaltii geejjibaa ilaalchisee barattoonni yuunivarsiitii itti qoramanirraa fageenya kiiloomeetira 50 gadirratti argaman baasii geejjibaa isaanii kan of danda’an ta’uu ibsaniiru.

Barattoota fageenya kiiloomeetira 50 olirratti argamaniif manneen barnootaafi aanaaleen haala kan mijeessan ta’uu dubbatan.

Barattoonni wayita gara yuunivarsiitiiwwanii deeman wantoonni qabatanii akka seenaniif eeyyamamu kitaabilee, yaadannoowwan, meeshaalee eegumsa qulqullinaa, uffata halkanii, waraqaa eenyummaa, kaardii ittiin qoraman ta’uu eeraniiru.

Meeshaaleen elektirooniksii, qubeellaa gaa’elaarraan kan hafe meeshaaleen faayaa akkasumas jaakeettonni sagalee dhageessisan dhorkaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Yuunivarsiitiiwwan qormaaticha kennan tajaajila mana ciisichaafi nyaataa barattootaaf kan qopheessan ta’uu ibsaniiru.

Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.