Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Masqalaa duudhaa isaa eegee akka kabajamu hawaasni tumsaan hojjechuu qaba – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Ayyaanni Masqalaa duudhaa isaa eegee akka kabajamu hawaasni tumsaan akka hojjetu gaafataniiru.

Kabaja Ayyaana Masqalaa fi haala Waqtaawaa biyyaa ilaalchisee kutaalee magaalichaa hundatti mariin taasiifameera.

Aadde Adaanachi marii kutaa magaalaa Qiirqoositti gaggeeffamerratti argamuun haasawa taasiisaniin, ayyaannichi wayita Farreen nageenyaa kisaaraa dirree waraanaatti irra qaqqabe gama ergamtoota isaaniin Finfinneetti deebisuuf socha’aa jiranitti ta’uu hubatamuu qaba jedhan.

Waraanicha irra deebiin kan injifannu ayyaanicha karaa nagaa fi tasgabbiin qabuun kabajuu yoo dandeenyeedha jedhan.

Humnoota Amantaan, sabaa fi naannoon akka qooddamne fakkeessuun hawaasa addunyaaf agarsiisuu barbaadan qaaneessuuf ayyaana kana sirnaan kabajuun tokkummaa keenya itti mul’isuu qabna jedhan.

Ayyaannichi bifa duudhaa isaa eegeen akka kabajamu ga’ee isaanii ba’uuf qophii ta’uu hirmaattoonni waltajjichaa ibsuu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.