Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonniin hoggantoota hojii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin, hoggantoota hojii garaagaraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin Niwuyoorkitti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan Daayrektara Olaantuu Sagantaa Naannawaa Dhaabbatichaa Ingar Andarsan waliin sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaatti gaggeeffamaa jiruu fi misooma humna haaromfamaa irratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Obbo Dammaqaan, ittisa jijjiirama qabeenya qilleensaa fi misooma magariisaaf xiyyeeffannaa addaan hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Gama kanaan sagantaan Ashaaraa Magariisaa kan eeramu ta’uu fi sagantichis biyyattiirra darbee faayidaan isaa biyyoota ollaaf kan ga’u ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaan qabeenyaa haaromfamaa qabdu misoomsuun guddina diinagdee fi hawaasummaa mirkaneessuuf hojiilee bal’aa gaggeessuurratti akka argamtu marii isaaniin kaasaniiru.

Hidhi Guddichaa Haaromsa Ityoophiyaa pirojektii humna haaromfamaa keessaa tokko ta’uu yaadachiisanii, pirojektichi Ityoophiyaa bira darbee biyyoota yaa’aa fayyadamtoota akka taasisu hubachiisaniiru.

Dhimmoonni waliigaltee dhabuu hidhicharratti mul’atu mariidhaan qofa akka furaman eeruun, Ityoophiyaan yeroo hundaa mariif qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Ingar Andarsan gama isaaniin, Ityoophiyaan misooma magariisaa dhugoomsuuf tattaaffii taasisa jirtu dinqisiifatanii, misooma humna haareffamaa babal’isuuf tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa taasisu Sagantaan Naannawaa Dhaabbatichaa akka deeggaru mirkaneessaniiru.

Dhimma Hidha Haaromsaas haalonni mariin akka furamuu taasisan itti fufuu qabu jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Obbo Dammaqaan Koomishiniara Olaana Dhaabbata Godaantotaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Filiippoo Giraandee waliinis mari’ataniiru.

Marii isaaniin koomishinichi buqqaatota biyya keessaa sababa hongee fi walitti bu’iinsaan buqqaa’aniif deeggarsuuf hojiilee hojjechaa jiruuf Obbo Dammaqaan galateeffatanii, dhaabbatichi deeggarsicha cimsee akka itti fufuu waamicha dhiyeessaniiru.

Filiipo Giraandee gama isaaniin koomishinichi mootummaa Ityoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka itti fufu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.