Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni manni marichaa miseensota Paarlamaa Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) – Koreen Dhaabbii Dhimmoota Fayyaa, Misooma Hawaasummaa, Aadaa fi Ispoortii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Miseensota Paarlaamaa Awurooppaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin jijjiirama hunda galeessaa Ityoophiyaatti gaggeeffamaa jiiru, haala yeroo fi dhimmoota biroorratti mari’ataniiru.

Afyaa’iin Mana Marichaa Taaggasaa Caafoo, mootummaan ityoophiyaa damee hundaan hojiilee bal’aa gaggeessaa jiraachuu fi rakkoolee biyyattiitti mudataa jiran furuuf Koomishinii Marii Biyyaalessaa hundeessuun hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaas rakkoolee mariidhaan furuuf fedhii jiru duubatti dhiisuun gareen shororkeessaa ABUT heera baase faallessuun waraanicha fedhii isaan akka eegale himaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa jijjiirama qabeenya qilleensaaf xiyyeeffannaa kennuun hojjechuun waggaatti biqiltuuwwan biiliyoona 4.5 dhaabuu Afyaa’ii mana marichaa Taaggasaa Caafoo ibsaniiru.

Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa Dooktar Diimaa Nagawoo gama isaaniin, gareen shororkeessaa ABUT irraa deebiin waraanaa banuun Naannoo Amaaraa fi Afaaritti sarbama mirga namoomaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Kana malees deeggarsaa namoomaa waraanaaf oolchaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootumman ammo rakkoolee jiran mariidhaan furuuf qophii ta’uu hubachiisaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT warana baneen daa’immanii fi dubartoota kuma 5 fi 567 jiraachuu fi deeggarsi akka taasifamuuf, hojjetamaa jiraachuu kaasuu isaanii ragaan mana marichaarra argame ni mul’isa.

Sababa waraanichaatiin Naannoo Oromiyaa fi Somaaleerraa lammiileen buqqa’an miiliyoona 4.8 jiraachuu fi Gamtaan Awurooppaas deeggarsa namoomaa barbaachisu akka taasisu gaafataniiru.

Mootummaa fi ummanni Ityoophiyaa nageenya kan jaallatan ta’uu, haqa jirus addunyaaf akka beeksisan miseensota Paarlaamaa Awurooppaaf waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.