Fana: At a Speed of Life!

Bu’uurri Badhaadhina hundaa, akeekni misooma hawaasummaa, barnootaan dhugooma-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015 (FBC) – Bu’uurri Badhaadhina hundaa fi akeekni misooma hawaasummaa, barnootaan dhugooma jedhan Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Pireezidaanti Shimmalis Barnootni furtuu rakkoo hundaa, iccitii milkaa’inaa fi qaroominaatis jedhaniiru.

Obbo Shimallis Abdiisaa jalqabuu bara barnootaa 2015 ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.

Dhalootni barate biyya jijjiira. Hiyyummaatti fala falee guddina biyyaa dhugoomsa.

Biyya keenyatti barnootni ammayyaa sadarkaa barbaadamuun babal’achuu dhabuu isaa irraa kan ka’e barootaaf dhiibbaawwan garaagaraa jalatti akka kufnuuf sababa ta’ee ture.

Maddi hiyyummaa fi booddeetti hafummaa keenyaas kanuma.

Madda hiyyummaafi booddeetti hafummaa keenyaa maqsuuf ummatni Oromoo afaan isaatiin akka baratu, carraa barnootaa akka argatu hayyootni Oromoo hedduun aarsaa baay’ee kaffalaniiru.

Qabsoo dhaloonni darbaa dhufaa taasisaniin jijjiirama har’a irra geenyeef bu’uura cimaa kaa’anii darbaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa mul’ata gameeyyii Oromoo kana dhugoomsuuf dhaqqabamummaafi qulqullina barnootaatiif xiyyeeffannaa olaanaan hojjechaa jira.

Haaluma kanaan waggoottan sadan darban keessatti qofa daree dabalataa kumaatamaan lakaa’aman, manneen barnoota Bu’uura Boruu 3000 ol hirmaannaa ummataan ijaaruun tajaajilaaf qopheessuun danda’meera.

Bara kanas manneen barnoota bu’uura boruu 6000 ol ta’an ijaaramaa jiru.

Walumaagalatti hojii qulqullina barnootaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiruun qabxii barattoonni naannoo keenyaa sadarkaa biyyaatti galmeessan jijjiirama agarsiisaa dhufee jira.

Galmoota misooma hawaasummaa dhugoomsuu keessatti misoomni barnootaa xiyyeeffannaa addaatiin ilaalamuu qaba. Hirmaannaa qaamolee hundaas barbaada.

Geggeessummaa keenya keessattis ajandaa ijoo mootummaa naannoo keenyaati.

Waan ta’eefis bu’uurri misooma barnootaa amma lafa qabsiisaa jirru kun hiika qabaachuu kan danda’u daa’imman umriin isaanii barnootaaf gahe hundi harcaatii tokko malee gara mana barnootaa deemuu yoo danda’an qofaadha.

Hojiin baruufi barsiisuu bara barnootaa 2015 guyyaa har’aa ifatti saaqameera.

Barri barnootaa 2015 bara hojii caalmaa itti milkeessinu, bara harcaatiin barataa itti xiqqeessinu, akkasumas nageenyi dhaabbilee barnootaa daran itti mirkaneessinu akka ta’u hawwaa, barattoonni hanga ammaatti manneen barnootaa keessanitti dhiyattanii hin galmoofne akka galmooftan waamichan dabarsa.

Maatiin barattootaa, ijoolleen keessan barnoota isaanii sirnaan akka hordofan duukaa bu’uufi tumsa barbaachisu taasisuu qabdu.

Barsiisotni akkasuma gahee ogummaa keessanii sirnaan bahuun dhaloota naamusa qabu, duudhaa Oromoo ganamaan ijaarame, kan itti gaafatamummaan itti dhagahamu sirnaan oomishuun egeree biyya keenyaaf murteessaa waan ta’eef itti gaafatama seenaan isinirra kaa’e sirnaan akka bahattan maqaa koofi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaan imaanaa isin jechuun barbaada.

Shimallis Abdiisaa, Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.