Fana: At a Speed of Life!

Faanaan damee miidiyaan muuxannoo addunyaa  qindeessuun misoomaafi maqaa gaarii biyyattiif hojjeta- Obbo Admaasuu Daamxoo

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015(FBC)- Faanaan damee miidiyaan muuxannoo addunyaa  qindeessuun misoomaafi maqaa gaarii biyyattiif kan hojjetu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Broodkaastiing Korporeet Obbo Admaasuu Daamxoo ibsan.

Obbo Admaasuun kana kan jedhan wayita Kuwaataaritti istuudiyoo Aljeezraa daawwatani.

Faanaan teekinooloojii ammayyaa haalaan fayyadamuun madda odeeffannoo dursaa ta’uufi odeeffannoowwan guddina gama maraa biyyattiif  barbaachisoo ta’an hawaasaan gahuuf xiyyeeffannoo kennee kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Muuxannoo miidiyaalee idil addunyaa qindeessuun faayidaa biyyaafi uummataaf haala dursa kenneen odeeffannoo waliingahuun faayidaa olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Gama kanaan Faanaan waltajjiiwwan biyya keessaarra darbee waltajjiiwwan addunyaarratti odeeffannoowwan  maqaa gaarii Ityoophiyaa guddisuu danda’anirratti xiyyeeffannoo kennuun kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.

Daawwannaa ituudiyoo Aljeezraatti taasisaniin hojiin miidiyaa bilchina ogummaaniifi imaanaa biyyaafi uummataa haala giddugala taasiseen hojjetamuu akka qabu hubachuu ibsaniiru.

Hojii saffisiisuuf teekinooloojiiwwan haaraa fayyadamuun barbaachisaa ta’uu isaa daawwannicharraa daran hubachuu eeraniiru.

Faanaan gama kanaan muuxannoo miidiyaalee addunyaa filatamoo ta’an qindeessuun misoomaafi guddina biyyaaf gahee isaa ba’achuuf kaka’umsa olaanaan kan hojjetudha jedhan.

Daayrektarri Olaanaan Giddugala Leenjii Aljeeziraa Miidyaa Neetwoork Dooktar Imaan Al Amriin gamasaaniin, Aljeezraan damee miidiyaan muuxannoo isaa qooduuf leenjii ogeessaafi deeggarsa meeshaan Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.