Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Gaambeellaa-Finfinnee sababa sigiga lafaan cufamee ture tajaajila eegaluu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2015 (FBC) – Daandiin Aspaaltii Gaambeellaa-Finfinnee sababa sigiga lafaan cufamee ture tajaajila eegaluu Bulchiinsa Daandiiwwanii Ityoophiyaatti dameen Jimmaa beeksise.

Daandichi rooba cimaan sigiga lafaa bakka ‘Kulaalitee Taraaraa” jedhamutti uumameen Qaammee 4,2014 irraa eegalee cufamee turuu hojii gaggeessaan suphaa daandii damichaa Injinar Masarat Dajaneen yaadachiisaniiru.

Rakkicha furuuf tattaaffii cimaan taasifamaa turuun guyyaa har’aa sa’aatii 6:30 irraa eegalee tajaajila kennuu eegaluu ibsaniiru.

Daandicha guutummaan guutuutti tajaajilaaf banaa taasisuuf guyyoota 10-15 kan fudhatu ta’uu ibsuu ragaan waajjira dhimmoota kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.