Fana: At a Speed of Life!

Naannawaa manneen barnootaatti gochoota badii  ittisuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2015 (FBC) – Bara barnootaa haaraatti naannawaa manneen barnootaatti gochoota badii ta’an ittisuun dhaloota naamuusa gaarii qabu horachuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Biiroon Barnootaa magaalaa Finfinnee beeksise.

Bara barnootichaatti hojii baruufi barsiisuun cinaatti hojiileen naannawaa manneen barnootaarratti xiyyeeffatan kan hojjetaman ta’uu hogganaan Biiroo Barnootaa magaalichaa Dooktar Zalaalam Mulaatuu eeraniiru.

Naannawaa manneen barnootaatti dhiibbaa gochoota adeemsa  baruufi barsiisuu jeeqan, kanneen akka manneen dhugaatii ittisuuf bal’inaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Sirna barnootaa haaraan gosa barnootaa naamuusaafi amala gaarii akkasumas leenjii hojiifi kalaqaaf xiyyeeffannoon kennamee ni hojjetama jedhan.

Lammiilee naamuusa gaarii qaban horachuuf hirmaannaafi deeggarsi maatii, dhaabbilee barnootaa, barsiisotaafi qaamolee dhimmamtootaa murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Wixineen seeraa gochoota badii naannawaa manneen barnootaatti raawwataman bifa qindaa’aa ta’een ittisuu dandeessisu sadarkaa biyyaalessaatti qophaa’uu kaasuun, wixinichi Mana Maree Ministirootaaf dhiyaachuu ibsuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.