Fana: At a Speed of Life!

Namni dhuunfaa meeshaalee waraanaa seeraan ala daddabarsuun shakkame meeshaalee waraanaa 20 waliin to’atame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2015 (FBC) – Magaalaa Gaambeellaatti namni dhuunfaa meeshaalee waraanaa seeraan ala daddabarsuun shakkame meeshaalee waraanaa 20 waliin to’atamuu Komishiniin Poolisii Gambeellaa beeksise.

Namni dhuunfaa kun to’annoo jala kan oole eeruu hawaasni poolisiif lateen ta’uu Ittaanaan Komishinara Komishinii Poolisii naannichaa fi hogganaan damee Ittisa Yakkaa Mulugeetaa Ruutaa eeraniiru.

Shakkamichi meeshaalee kanneen konkolaataa abbaa gommaa sadii/ baajaajiin imalchiisuun osoo gara mana jireenya isaa geessuu to’atamuu ibsaniiru.

Shakkamticha waliin kilaashinkoovii 20 fi kaartaan kilaashinkoovii 34 dabalatee lakkoofsi herregaa baankiiwwaniifi dookumantiiwwan garaagaraa to’annaa jala ooluu ibsaniiru.

Yeroo ammaa shakkamtichi to’annaa jala ooluun qorannoon dabalataa irratti gaggeeffamaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.