Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni ” Waan Hojjjachuu Qabdu Hojjadhu Ambaasaaddar” jedhuu eebbifame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC) – Kitaabni Ityoophiyaatti Ambaasanaddara Indoonezhiyaan Afaan Ingiliziin barreeffamee afaan Oromootti hiikame har’a eebbifameera.

Kitaaba kanas Yuunivarsiitiin Harraambee mata duree”Ambaasaaddarri Ityoophiyaa,waan hojjechuu qabdu hojjedhu”jedhuun gara Afaan Oromootti hiikee bakka hogganaa Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Galaanaa Waldemikaa’el, Abbaan qabeenyaa fi hojii Gaggeessaan Yuunivarsiitii Harraambee Obbo Fayyisaa Araarsaa, Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Indooneezhiyaa Al Busra Basnuur, Barattoonni mana barumsaa Bultii Addaa fi keeessummoonni biroo argamanitti eebbifameera.

Kitaabichi Indoonezhiyaatti kan maxxafamee yoo ta’ uu, kaayyoon kitaabichaa Ambaasaadaroonni gara Ityoophiyaa dhufan waan isaan irraa eegamu hunda hojjechuun haariiroo biyyoota akka cimsaniif ta’uu eerameera.

Kitaabichi haqa Ityoophiyaan qabdu hundaa kan mul’isuu fi kitaaba aadaa Sabaaf Sablamoota biyyattii Addunyaa biroof beeksiisu ta’uu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Galaanaa Waldemikaa’el eeraniiru.

Dabalataan Ambaasaadaroota biroof hojii fakkeenyummaa gaarii ta’uus himaniiru.

Barreessaan kitaabichaa Ambaasaaddar Al Busyra Basnuur gama isaaniin, Ambaasaaddaroonni wayita biyya tokkootti muudaman ergama isaanii sirnaan ba’achuun haariiroo biyyoota cimsuu qabu jedhan.

Anis akka Ambaasaaddara tokkootti ga’ee koo ba’achuukootti guddaa gammadeera jedhan.

Kennasaa Amanteetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.