Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti Gamoo Biiroo Birrii biiliyoona 1.7 ijaarramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin naannoo Hararii Obbo Ordiin Badiriin Gamoo Biiroo Birrii biiliyoona 1.7 ijaarramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Gamoon kun hanqina Biiroo naannichatti mul’atu ni fura jedhame.

Sirna dhagaa kaa’uu kanarratti Pireezidanati Ordiin Badirii dabalatee Itti gaafatamaa Waajjira Paartii badhaadhinaa naannichaa Obbo Abduujabbaar Mahaammadii fi Itti aantuun Pireezidaantii naannichaa Aadde Missiraa Abdaallaa argamaniiru jedhame.

Mootummaan naannoo Hararii weerara gareen ABUT bane qolachaa hojiilee misoomaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Obbo Ordiin Badiriin eeraniiru.

Misooma Daandii, Bishaanii fi Elektirikaarratti xiyyeeffaannoo addaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Gamoon har’a dhagaan Bu’uuraa kaa’ame lafa karee Meetira kuma 2 fi 400 irra kan qubatu abbaa darbii 15 ta’uu eerameera.

Ijaarsi isaa Waggaa 1 fi baatii 6 keessatti xumuruuf karoorfamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.