Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Naqamteetti balaa tiraafikaan lubbuun namoota 2 darbe

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015(FBC)- Bulchiinsa magaalaa Naqamteetti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota lamaa darbe.

Magaalaa Naqamtee kutaa Bulchiinsa Soorgaatti Konkolaataan Fe’umsaa “FSR” garagaluun  lubbuun namoota 2 yoo  darbu namoota 2 irra miidhaan qaamaa cimaan gahuu ibsameera.

Balichi kan uumame fireeniin cituun ta’uu Qajeelcha Poolisii Magaalaa Naqamteetti Hogganaan Divizhinii To’annoo Tiraafikaa Magalichaa Inspeeketar Yiggasuu Disaasaa ibsaniiru.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.