Fana: At a Speed of Life!

Fooyyessi taaksii konkolaattota elektirikaa taasifame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015(FBC)- Invastimantii fi fichiisisa Konkolaattota elektirikii jajjabeessuu akkasumaas hawaasa fayyadamtoota taasisuuf fooyyessa taaksii hojiirra oolchuu Ministeerri Maallaqaa beeksiseera.

Haaluma kanaan fooyyessii taaksii taasifame, konkolaattota deddeebisa ummataa biyyaa keessaatti oomishamanii fi alaa fichiisifamanii, konkolaattota manaa fi konkolaattota fe’umsa meeshaalee irratti kaffaltii gibiraa gumurukaa gadaanaa kan kaa’u yoo ta’u, taaksii dabalataa qabeenyaa, eksaayis taaksii fi suur taaksiirraa walabaa akka taasifamee beekameera.

Fooyyessi taaksii kunis lakkoofsa konkolaattotaa biyyaa keessaa dabalaa dhufee imaammataan nageenyummaa naannawaan kan walsiman, fayyaa hawaasaarratti miidhaa kan hingeessifne, dhibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa kan hinfidne fi humna haaromfamaa sirnaan fayyadamuuf, sirna geejibaa hojiirraa oolchuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, akkasumas, konkolaattota elektirikaa gatii madaalawaan hawaasaaf dhiyeessuuf ta’uu ibsameera.

Bu’uuraa fooyeessa taaksii kanaan konkolaattonni guutummaan qaamaa isaanii biyyaa alaarraa dhufee biyya keessatti walitti hidhamuu taaksiirraa walabaa ta’uu, kanneen gartokkeen biyya keessatti walitti hidhaman ammoo qaraxa gumurukaa %5 kan kaffalanii fi taaksii dabalataa qabeenyaa, eksaayis taaksii fi suur taaksiirraa guutummatti walaba taasifamuu Ministeerichi beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.