Fana: At a Speed of Life!

Saamichi boba’aa ABUT raawwate hojii deeggarsa namoomaa danqeera- Deeviid Beeslii

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015(FBC)- Saamichi boba’aa garee shororkeessaan ABUT raawwate hojii deeggarsa namoomaa danquu Daayrektarri Olaanaan Sagantaa Nyaata Addunyaa Deeviid Beeslii ibsan.

Deeviid Beesliin walga’ii Mana Maree Nageenyaa irratti saamichi gareen shororkeessaa ABUT raawwate hojii deeggarsa namoomaa dhaabbatichi naannoo Tigraayitti hojjetu danquu ibsuu isaanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ergamaan Dhaabbii Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Asqasillaaseen gama Tiwiitera isaaniin ibsaniiru.

Hojii deeggarsa namoomaa dhaabbatichi kaaba biyyattiitti hojjetuuf deeggarsa boba’aa ni barbaadna jechuu beeksisaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT baatii Adoolessaa darbe mooraa Sagantaa Nyaata Addunyaa Maqaleetti argamu keessaa boba’aa liitira kuma dhibba 5 fi kuma 70 saamuun isaa kan yaadatamudha.

Kana hordofee dhaabbatichi lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsa namoomaa dhaqabsiisuuf rakkachuu irra deddeebiin ibsaa tureera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.