Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni idil addunyaa qajeeltoo “Rakkoo Afrikaaf Furmaata Afrikaa” akka deeggaru gaafatame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015(FBC)-  Hawaasni idil addunyaa qajeeltoo marii nageenyaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamu “Rakkoo Afrikaaf Furmaata Afrikaa” jedhuuf deeggarsa akka taasisu Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa gaafatan.

Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tashoomaa Toogaan dippiloomaatota biyyoota miseensota Gamtaa Awurooppaa, Ameerikaa, Ingiliz, Kaanaadaafi Noorweey Beejiingitti argamaniif haala yeroo biyyaalessaa Ityoophiyaarratti ibsa laataniiru.

Walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaa jiru ilaalchisee rakkichi xumura akka argatuuf tattaaffii gama mootummaan taasifamaa jiru dippiloomaatota kanneeniif ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT waamicha nageenyaa mootummaan irra deddeebiin taasisaa ture cinaatti dhiisuun yeroo sadaffaaf waraana banuufi meeshaalee deeggarsa namoomaa gara naannoo Tigraayitti ergaman saamuu eeraniiru.

Garichi ijoollee gara waraanaatti hiriirsisaa jiraachuu ibsuun, hawaasni idil addunyaa dhiibbaa barbaachisaa garicharraan gahuu dhabuun isaa garichi amala badiisaa akka itti fufu taasisuu kaasaniiru.

Ammas taanaan mootummaan Ityoophiyaa walitti bu’iinsicha karaa nagaa hiikuuf fedhii guddaa qabaachuu eeruun, Adeemsa marii nageenyaa qajeltoo “rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa” jedhuun  gaggeeffamuuf hawaasni idil addunyaa deeggarsa taasisuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.