Fana: At a Speed of Life!

Amb. Dammituun Daayrektara Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC)- Xaaliyaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dammituu Hambisaa Daayrektara Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa Quu Doongiyoo waliin mari’atan.

Marii isaaniin Ambaasaaddar Dammituun, haala yeroo Ityoophiyaa ilaalchisuun walitti bu’iinsa kutaa Kaaba Ityoophiyaa, gamaa Gamtaa Afrikaan karaa nagaan furuuf kutannoo jiru ibsaniiru.

Dabalataanis, weerarri garee shororkeessaa ABUT damee qonnaa naannichaarratti dhiibbaa uumuu kaasaniiru.

Gareen ABUT filmaata nageenyaa diduun waraana badiisaa itti fufuun lammiilee nagaa haleelaa jiraachuus ibsaniiru.

Qabeenya mancaasaa fi deeggarsa namoomaas waraanaaf itti fayyadamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Daa’imman waraanaaf hiriirsuun gochaa naannawichaa jeequu itti fufee jirachuu daayrektarichaaf ibsuu ragaan embaasicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.