Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa weerara lafaa fi nageenyarratti xiyyeeffannaan hojjechuu qaba jedhame

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC)-Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee weerara lafaa fi dhimmoota nageenyaarratti xiyyeeffannaan hojjechuu akka qabu Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa hubachiisan.

Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Finfinneerraa filaman hoggantoota olaanoo magaalattii waliin hojiilee magaalattitti hojjetamanii fi gaaffilee ummatarraa ka’anirratti mari’ataniiru.

Maricharratti, sagantaan nyaataa, tattaffiin nageenyaa fooyyessuu, raawwiin pirojektoota ijaarsaa fi miidhaginaa fi qulqullina naannawaa irratti hojiilee bulchiinsi magaalichaa hojjechaa jiru dinqisiifatameera.

Kana malees, qaala’iinsa jireenyaa, dhiyeessii galteewwan ijaarsaa, weerara lafaa fi dhimmoota nageenyaarratti hoggansi xiyyeeffannaa addaa kennuun hojjechuu akka qabu akeekaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Adaanech Abeebee gama isaaniin, hoggansi sadarkaan jiru hanga caasaa gadiitti ummata waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf karoorfamuu kaasaniiru.

Gaaffiileen jiraattoota magaalattiirraa ka’anis sadarkaan deebiin kan kennaamu ta’uu himuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.