Fana: At a Speed of Life!

Jiibuutiitti Imbaasiin Ityoophiyaa lubbuu Godaantoota 767 baraaruu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) – Jiibuutiitti Imbaasiin Ityoophiyaa eegdoota qarqara galaanaa fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun lubbuu Godaantoota Ityoophiyaa 767 baraaruu beeksiseera.
Imbaasichi lubbuu baqattoota Ityoophiyaa Karaa seeraan alaan Qarqara Galaanaa Jiibuutiin imalaa turan 767 baraaruu danda’uu ibseera.
Eegdoonni Qarqara Galaanaa fi Humni Galaanaa Biyyaalessaa Jiibuutii Qaammee 5, 2014 lammiilee Ityoophiyaa Jiibuutii Bulchiinsa Oobookii ka’uun karaa seeraan Bidiruun gara Yeeman dabarfamuuf turan 196 qabuu ibsameera.
Baqattoota kanneen keessaa 29 dubartoota yoo ta’an, Jiibuutiitti Imbaasiin Ityoophiyaa kunuunsa barbaachisu taasiisuun lammiileen kunneen gara Ityoophiyaa akka deebi’an taasiseera.
Lammiileen alaa 3 fi lammiin Ityoophiyaan tokko daddabarsa namoota seeraan alaan Shakkamuun to’ataman mana murtiif dhiyaachuu eerameera.
Daddabarsi namoota seeraan alaa Qarqara Galaanaa Jiibuutii gara Yeeman, akkasumas Yeemanii gara Jiibuutii Bidiruun irra deddeebiin taasiifamu lubbuu lammiilee hedduu galaafachuu ragaan Imbaasicharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.