Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa kana ijaarsi sarara daddabarsaa fi Raabsa humna 8 ni eegala

Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) – Bara baajataa kana ijaarsi Piroojektoota sarara daddabarsaa fi Raabsa humna 8 kan eegalu ta’uu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksiise.
Ijaarsi piroojektoota kanneenii dhaabbilee ijaarsaa biyya alaa fi dhaabbatichaan kan raawwatamu ta’uu Hojii Raawwachiisaan Damee ijaarsa sarara daddabarsaa fi Raabsa Kibroom Kaahisaay eeraniiru.
Boqojjiitti sararri daddabarsaa abbaan Vooltii 230/33, Dabra Taabooritti abbaan vooltii 230/33/15 fi magaalaa Adaamaatti Buufanni Raabsaa Zoonii Diinagdee Addaa Gadaaf humna dhiyeessuuf tajaajilu dhaabbatichaan kan ijaarramu ta’uu kaasaniiru.
Piroojektiin babal’isa Raabsaa Elektirikaa Damee Kibbaa fi sararri daddabarsa humnaa Buttaa Jiraa – Waraabee dhaabbilee ijaarsaa alaan kan ijaarraman ta’uu himuu isaanii ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.