Fana: At a Speed of Life!

Inistiraakter Abraaham ogeessa Teeknikaa FIFA ta’uun muudaman

Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) – Kilaboota garaagaraa keessatti leenjisummaan tajaajilaa kan turan Inistiraakter Abraaham Maabraatuun ogeessa Teeknikaa FIFA ta’uun muudamaniiru.

FIFA waliin waliigaltee waggaa 2 mallatteessaniiru.

Inistiraakter Abrahaam Afrikaatti Inistiraaktera olaanaa, Waancaa Afrikaa fi dorgommiiwwan adda addaarratti miseensa garee qorannoo Teeknikaa ta’uun tajaajilaniiru.

Dabalataan muuxxannoon hojii Eeshiyaa fi Yeemanitti hojjechaa turan iddichaaf filatamaa akka ta’an isaan taasiisuu ragaan Federeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.