Fana: At a Speed of Life!

Jarman Yuukireeniif meeshaa waraanaa dhiyeessuun sarara diimaa dabarteetti- Raashiyaa

Finfinnee, Fulbaana 2, 2015(FBC)- Jarman Yuukireeniif meeshaa waraanaa garagaraa dhiyeessuun sarara diimaa darbiteetti jette Raashiyaan.

Jarmanitti ambaasaaddarri Raashiyaa Sargeey Niichaayeev, Barliin meeshaalee ammayyaafi miidhaa guddaa geessisuu danda’an Yuukireeniin hidhachiisaa jirti jechuun komatan.

Kanaanis loltoota Raashiyaarratti haleellaan akka banamu taasisuurra darbee Doonbasitti lammiilee nagaan akka ajjeefaman taasisteetti jechuun qeeqan.

Gochichi araara nagaa xumura waraana Addunyaa 2ffaafi weerara Naaziin Jarman Gamtaa Sooviyeet duraanii irratti raawwateen booda taasifame ilaalcha keessa kan hin galchine ta’uu yaadachiisaniiru.

Kana malees Barliin akkuma Waashingitaniifi Biyyoota Miseensa NATO biroo immaammata “Meeshaalee waraanaa gara naannawaa walitti bu’iinsaatti erguu dhabuu” jedhu cabsuu eeraniiru.

Jarman hariiroo gam-lamee Raashiyaa waliin waggoottaniif ijaaraa turte dabsuuf tarkaanfii eegaluu kaasan.

Barliin gidduseentummaa dhimma keessoo Raashiyaarratti taasistu akka dhaabdu yaadachiisaniiru.

Gama biraan qoqqobbiin diinagdee Ameerikaafi biyyoonni Lixaa Raashiyaarra kaa’an Mooskoof carraa gaarii fidee dhufuu ibsuu isaanii RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.