Fana: At a Speed of Life!

Faayaalee Warqee saamuun kanneen shakkaman to’annoo jala oolfaman

Finfinnee, Qaammee 5, 2014 (FBC) – Gareedhaan gurmaa’uun uffaannaa dambii Poolisii Federaalaa uffachuun faayaalee warqee saamuudhaan namoonni shakkaman to’annoo jala oolfamaniiru.

Magaalaa Mojo suuqii gurgurtaa faayaalee Warqeetti, Warqee giraama 49 saamuun shakkamtoonni naannawichaa miliqan eeruu hawaasaa fi hordoffii poolisiin to’annoo jala oolfamaniiru.

Poolisii Federaalaatti Ittigaafatamaan Ittaanaan Qajeelcha Olaanaa Qorannoo Yakka Tooftaa Gargaaraa Kooomishinaraa Birhaanuu Abbabaa, gareen gurmaa’anii yeroo garaagaraatti uffaanaa poolisii uffachuun namoonni saamicha raawwatan dabalaa dhufuu ibsaniiru.

Gochaan akkanaa maqaa humnoota nageenyaa balleessuuf, kayyoo diinaa galmaan ga’uuf itti yaadamee kan raawwate ta’uu ibsaniiru.
Kanneen yakkicha raawwatan Magaalaa Mojootti ta’ee utuu jiruu miidiyaalee hawaasummaan Magaalaa Finfinnee mana warqee naannawaa Piyaasaatti akka raawwatameetti kan ibsame dogoggora ta’uu himaniiru.

Gareewwaan yakkicha raawwatanirratti poolisiin hordoffii cimaa taasiseen, kanneen saamichicharratti hirmaatan to’achuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu eeruu isaanii ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.