Fana: At a Speed of Life!

Barri haaraan injifannoo caaluuf kan itti qophoofnuudha-Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa

Finfinnee, Qaammee 5, 2014 (FBC) – Barri haaraan kan hawwuu fi abdachuu qofa utuu hintaane injifannoo caaluuf kan itti qophoofnu, gara miiraa tokkummaa bityyaalessatti dhufnu ta’uu qaba jechuun Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa ibsan.

Dooktar Yiliqaal, Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaan baga bara 2015 geessan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin bara haaraatti karoora misoomaa kan milkeessinu, garaagarummaa, waldanda’uu, waldhaggeeffachuu fi mari’achuun kan furaman, tokkummaa fi nageenyaa Ityoophiyaaf tokkummaa bu’uuressuuf gamtaan dhaabachuun lammiilee hunda irraa eegama jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.