Fana: At a Speed of Life!

Amantaa da’eeffachuun shakkamtooni shororkeessummaf qophaa’aa turan to’ataman

Finfinnee, Qaammee 5, 2014 (FBC) – Amataa da’eeffachuun namoonni gochaa shororkeessummaaf qophaa’a turan to’anno jala oolfamuu Humnii Waloo Nageenyaa fi Tikaa beeksise.

Shakkamtoonnis maqaa amantaatiin bakka turtii hordoftootaa jechuun Finfinnee Naannawaa Boolee Bulbulaatti mana ijaaran keessatti seeraan ala namoota gurmeessuun, leenjii loltummaa kennaa kan turanii fi barsiisa amataarraa faallaa wayita shaakala meeshaa waranaa taasisan to’annoo jala oolfamuu isaanii beeksiseera.

Holqa dhokannaa afur qotuun gochaa badiisaaf itti fayyadamaa akka turanii fi aangoo hinqabneen namoota balleessitootaa jedhaniin seera malee hidhaa akka turan bira ga’amuu eerameera.

Qaamme 4, 2014 gareen hordoffii duulaa gaggeesseen kilaashiin 4, rasaasa 385, kuusaa rasaasaa kilaashii 12, shugguxii 4 fi rasaasa isaa 29 waliin, maashina holqa qotu, kaameeraa viidiyoo 2 tiraaypoodii isaa waliin, kompiwuutara 2, laaptooppii 2, haardi diskii 4, siidii 2, filaashii odeeffannoo 5, ibsaa addaarraa 4, kaardii meemorii kaameeraa 4, sagalee guddistuu 3, Yuuroo 300 fi Birrii kuma 390 ragaaf qabamaniiru jedhame.

Amantaa da’eeffachuun gochaa shororkessummaa raawwachuuf seeraan ala namoota gurmeessuu fi hidhachiisuun sochii badiisaaf qophiirra utuu jiranii, eeruu ummataan kennamee fi hordoffii fi duula cimaa Humni Waloo taasiseen miseensota garee shororkeessummaa 31 to’annoo jala oolchuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu Poolisiin Federaalaa beeksiseera.

Waa’ee dhimmichaa wayita qorannoon xumuramu fuulduratti odeeffannoo isaa ummataaf kan ifoomsu ta’uu Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa beeksisuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.