Fana: At a Speed of Life!

Lafa heektaara miiliyoona 1.8 irratti biqiltuuwwan faayidaa dame hedduu qaban dhaabamaniiru- MQ

Finfinnee, Qaammee 4,2014 (FBC)- Lafa heektaara miiliyoona 1.8 irratti biqiltuuwwan faayidaa dameE hedduu qaban dhaabamuu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Piroofeesar Iyyaasuu Eeliyaas ibsan.

Piroofesar Iyyaasuun turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin, bara 2014tti hawaasni miiliyoonni 34 sagantaa Ashaaraa Magariisaarratti hirmaachuu kaasaniiru.

Ijaarsa diinagdee magariisaa duularraa darbee sagantaa idilee taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhiibbaa manca’iinsi bosonaa  damee diinagdee , hawaasummaafi naannawaarratti fide hubachuun barbaachisaa ta’uu eeruun, rakkichi irra deddeebiin rakkoo hungeef biyyattii saaxilaa jiraachuu eeraniiru.

Dabalataanis dhiqama biyyee, saaxilamummaa balaa lolaafi wabii nyaataa mirkaneessuu dhabuu akkasumas saaxilamummaa jijjiirama qabeenya qilleensaa kan fidu ta’uu dubbataniiru.

Saaxilamummaa kana hir’isuuf Ityoophiyaa misoomteefi badhaate dhaloota egeree dhaalchisuuf hojjetamaa jiraachu ibsaniiru.

Bara 2014tti biqiltuu biiliyoona 6 dhaabuuf karoorfamee biqiltuu biiliyoona 7 dhaabuun milkaa’inni jajjabeessaan galmaa’uu himaniiru.

Biqiltuuwwan dhaabaman keessaa %47 biqiltuuwwan bosonaafi leemmana ta’uufi %52 ammoo kuduraafi muduraafi biqiltuuwwan nyaata beelladaa ta’uu eeraniiru.

Adeemsa kanaan lafa heektaara miiliyoona 1.8 irratti gosoota biqiltuu faayidaa hunda galeessa qaban dhaabamuu ibsaniiru.

Sagantichaan uummata boolla dhaabbii biqiltuu qopheesuun, biqiltuu geejjibsiisuuniifi dhaabuun hirmaateef dinqsiifannaa qaban ibsaniiru.

Saganticha qindeessuun hoggansi olaanaan keessumaa Ministeerri Qonnaafi qaamoleen dhimmamtootaa kan irratti hirmaatan koree olaanaafi xiqqaan hojicha hogganuun sadarkaa kanarraan gahuu dubbataniiru.

Hojicha hojii misooma sululaa waliin walitti qindeessuun hogganuuf yaalamaa jiraachuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.