Fana: At a Speed of Life!

Barri 2015tti gaarummaa, walgargaaruu fi waltumsuu bara darbe ture ittifufsiisuu qabna -Obbo Dastaa Leeddamoo

Finfinnee, Qaammee 4, 2014 (FBC) – Bara 2015 wayita simannu olka’iinsa badhaadhinaa biroof tattafachuu fi gaarummaa, walgargaaruu fi waltumsuu bara darbe ture ittifufsiisuu qabna jedhan Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddamoo.

Obbo Dastaa Leeddamoo bara haaraa ilaalchisuun erga baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, barri darbee bara qormaanni hedduun mudate ta’us Ityoophiyaan bara injifannoo itti galmeessisteedha jedhan.

Hidhi Guddichaa Haaromsa Ityoophiyaa akka hinguutamneef dhiibbaan alaa taasifamu, shororkeessaa ABUT diinota keessaa fi alaa waliin qindoomuun dhiibbaa olaanaa biyyattiirratti uumamus, tokkummaa Ityoophiyaanotaan dhiibbaalee hunda injifannoon darbuun akka danda’ame eeraniiru.

Bara 2015 wayitaa simannu olka’iinsaa badhaadhinaa biroof tattafachuu qabna jedhanii, bara darbee gaarummaa, walgargaaruu fi waltumsuu ture ittifufsiisuu qabna eeran.

Dabalataanis, namni hunduu milkaa’inaa karooraa bara darbee sakatta’uun bara haaraatti damee hundaan jijjiirama galmeessuuf tattaafachuu qaba jedhaniiru.

Bara haaraa wayita simannu, harka qalleeyyii gargaaruu fi maaddii waliin qooddachuun ta’uu akka qabu ibsanii, waraana utuu hinjaallatiin dirqamaan itti seename biyyaa fi ummata miidhaarraa ittisuuf gootota Raayyaa Ittisaa Biyyaa cinaa dhaabbachuun, lammiilee buqqa’aniif deeggarsa taasisuun ayyaana bara haaraa kabajuu qabna jedhaniiru.

Barri haaraanis, kan nagaa, injifannoo, jaalalaa fi badhadhinaa akka ta’u hawwaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.