Fana: At a Speed of Life!

Diinonni keenya kan nu dhiisan dameewwan hundaan ga’umsa qabaachuu keenyaa yoo beekan qofa-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Qaammee 4, 2014 (FBC) – Diinonni keenya kan nu dhiisan dameewwan hundaan ga’umsa qabaachuu keenyaa yoo hubatan, tarsiimoon, meeshaalee fi teeknooloojiin akka nu injifachuu hindandeenye wayita beekan qofa jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummichi Ministiraa fi Ajajaan Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Abiy Ahimad barruu Raayyaa Ittisaa “Gaachana” jedhamurratti ergaa dabarsaniin, Ityoophiyaan, addaa waraanaatti gootummaa kan raawwatan, diina daangaa cabsee dhufe qaanfachisaanii kan deebisan, birmadummaa biyyaa fi bilisummaa lammiileef wareegamuu akka kabajaattii kan lakkaa’an gootota horatteetti jedhan.

Yeroo ammaa bocni fi haalli lolaa jijjiiramuu kaasanii, “Gootummaan biyyaalessaa nuti eerru sababa jijjiiramoota kanneeniin hammaam akka qorame weerara Xaaliyaanii 2ffaarratti argineerra” jedhan.

Qophaa’ummaan keenyaa jijjiirama addunyaa faanaa tarkaanfachuu dhabuun, gatii hanga biyyaa dhabsuutti geessisu nu kaffalchiisuu akka danda’u himaniiru.

Har’as diinonni akka durii kallattiin utuu hinloliin daandii ittiin injifachuu danda’an karoorsuurraa boodatti akka hinjenne eeraniiru.

Naannawaa daangaatti halleellaa kallattiin aggaamamurra darbee, namoonni leenjii shororkeessummaa fudhatan gochaan shororkeessummaa gaggeessan qormaataa keessa akka nu galchu beekamadha jechuun hubachiisaniiru.

Hidhattoonni biyya keessaa humnoota mufatan fayyadamuun biyya keenyaa kuffisuuf yeroo maraa kan tattafatan ta’uu eeranii, gama tokkoon haleellaa aggaamaman lafoo fi qilleensaan dammaqinaan wayita eegnu, gama biraattiin ammoo haala boqonnaa nama dhabsiisuun duula saayibarii fi olola banuun yoo ta’u, haqa kana yeroo mara dammaqinaan akka eegnu dirqamsiiseera dubbatan.

Diinota keenya tarsiimoon caallee hamma hinargamnetti, birmadummaan bu’uura amansiisaarra hindhaabbatu jedhaniiru.

Keessumaa amma carraaleen abdii Ityoophiyaa kallattii hundaan dagaagsan wayita banan ta’uu kaasaniiru.

Nutis diinni akka nutti hinbaay’anneef jennee imala gara olka’iinsaatti taasifamu hindhaabnu jechuun hubachiisan.

Gama tokkoon Hidhi Haaromsaa gara xumurraatti dhiyaachaa jiraachuun, gama biraatiin ammo wabii nyaataan of danda’uuf tarkaanfiin fudhatamaa jiru bu’aa argamsiisuu eegaluun, akkasumaas, dhibbaan naannawaa fi ardii yeroo yeroon dabalaa dhufuun “Tiruun bultee lafee taati” jechuun humnoonni abdii keenyaa xobbeetti kutuu barbaadan baay’ataniiru jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ergaa isaaniin.

Barri haaraan akkuma labsameen abdiin Ityoophiyaa labsamaa jiraachuu akka ta’e yaadaa hojjechuu qabna kan jedhan Abiy Ahimad, Raayyaan Ittisaas raayyaa eegdota biyya jabduu borii qofa utuu hintaane eegdota abdii Ityoophiyaa ta’uu isaanii beekanii akka hojjetan hubachiisaniiru.

Abdiin Ityoophiyaa kan qabatamaa ta’uu fi itti fufiinsi ishee kan mirkanaa’u Raayyaan Ittisaa, “Yeroo kamiyyu wayita waraanaaf qophaa’u” qofa jedhan.

Kan jechuun raayyaan tuqataa walitti bu’iinsaa ta’a jechuu akka hintaanee ibsaniiru.

Walitti bu’iinsa uumuun seenaa keenya keessa hinjiru jedhanii, “humna ija jabaate dhufe qaanessinee deebisna malee, maal na dhibdeedhaan bulchiinsaa birmaduu biroorratti halleellaa raawwachuu seenaan hinbeeknu” himan.

Raayyaan waraanaaf kan qophaa’u, ga’umsa waraana mancaasaa ta’e hambisuu cimsachuuf ta’uu eeran.

Raayyaanis, “Ga’umsa isaa gurmeessuuf yeroo maraa tattafachuu qaba” wayita jedhamu, kanneen biroorratti haleellaa raawachuu yaadne utuu hintaane biyya tuqata diinaarraa ga’umsaan ittisuuf akka dandeenyu yaadaati jechuun ibsan.

“Diinonni keenya kan nu dhiisan dameewwan hundaan ga’umsa qabaachuu keenyaa yoo hubatanii fi tarsiimoon, meeshaalee fi teeknooloojiin akka nu injifachuu hindandeenye wayita beekan qofa” jechuunis akeekaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.