Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Beenishaanguul Gumuz sirreeffamtoota 104’f dhiifama taasise

Finfinnee, Qaammee 4, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoon Beenishaangul Gumuz bara haaraa sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa 104’f dhiifama taasisuu Abbaan Alangaa naannichaa beeksise.

Abbaan Alangaa Naannichaa Sa’iid Babakir akka ibsanitti, mootummaan naannichaa sirreeffamtoota seeraa ulaagaa dhiifama guutan dhiifama akka taasisu murtoo dabarseera.

Sirreeffamtoonni seeraa dhiifamni taasifameef godinaalee Matakkalii fi Kaamashii akkasumas Magaala Asoosaatti kan argaman ta’uu ibsaniiru.

Kanneen dhiifamni taasifameef keessaa saddeet dubartoota ta’uu eeruun, lammileen dhiifamni taasifameef hawaasatti wayita makaman yakkarraa of qusachuun hojiilee misoomaarratti dammaqinaan akka hirmaatan Abbaan Alangaa naannichaa waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.