Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ordiin Badiriin ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Qaammee 4, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin naannoo Hararii Obbo Ordiin Badiriin ergaa baga geessanii bara haaraa dabarsan.
Barri darbe bara qormaatileen guuttame ta’us akka biyyaatti bu’aa gaariin galmaa’uu ibsaniiru.
Muuxannoowwan bara 2014 argaman cimsuun hanqinaalee turan maksuuf bara 2015 hirmaannaan cimaan kan barbaachisu ta’uu kaasaniiru.
Bara haaraa kanatti weerara gareen ABUT yeroo 3ffaaf bane qolachuun birmadummaa fi tokkummaa biyyaa itti fufsiisuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Qaamolee keessaa fi alaa tokkummaa fi imala badhaadhina biyyaa gufachiisuuf socho’aa jiran ejjennoon dura dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Bara haaraa kanatti hojiilee fayyadamummaa hunda galeessa ummata naannichaa mirkaneessaan raawwachuuf murannoon kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Nageenya naannichaa mirkaneessuu, olaantummaa seeraa kabachiisuu fi duudhaalee waliin jireenyaa ummataa babal’isanirratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Barri 2015 bara nageenyaa, jaalalaa, badhaadhinaa fi tokkummaa akka ta’u ummata Ityoophiyaa maraaf hawwaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.