Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan ibsa Koomishiniin Ogeeyyii Mirgoota Namoomaa Idil Addunyaa baase kuffise

Finfinnee, Qaammee 4, 2014 (FBC) – Mootummaan ibsa Koomishiniin Ogeeyyii Mirgoota Namoomaa Idil Addunyaa baase kuffiseera.

Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen ibsi koomishinichaa ittigaafatamummaa kan hanqatuu fi fudhatama kan hinqabne ta’uu beeksiseera.

Koomishiniin Ogeeyyii Mirga Namoomaa Idil Addunyaa Walitti bu’iinsaa ABUT’n eegalamerratti homaa akka hindubbanne eeruun, koomishinichi dhimmoota sodaa nageenyaa fi tasgabbii ta’anirratti mari’achuu fi murteessuuf aangoo kan hinqabne ta’uu ibseera.

Koomishinichi Ityoophiyaarratti tarkaanfiin akka fudhatamu Mana Maree Nageenyaaf waamicha ifaa hintaanee dhiyeesse, amala maal na dhibdee akka argisiisuu eeruun, sochii fi hojiileen koomishinichaa siyaasaan kan walmake ta’uu kan mirkaneesseedha jedheera.

Koomishinichi ulaa walta’iinsaa mootummaa waliin qabu cufuu kan eere ibsi ministeerichaa, Fulbaana 7, 2022 koomishichi Ityoophiyaa ilaalchisuun ibsa baase fudhatama dhabsiiseera.

Mootummaan Ityoophiyaa mirgoota namoomaa kabajuu fi mirkaneessuun akkasumas, balleessitoota seeraaf dhiyeessuuf kutannoo qabaachuu irraa deebiin ibseera.

Koomishinichi Fulbaana 07, 2022 dhimma Ityoophiyaarratti ibsa baaseen nageenyaa fi tasgabbii naannawichaaf koomishinichi murtoo marii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka simatu ibseera.

Manni marichaas nageenya lammiilee eeguu fi muddama jiru ittisuun naannawicha tasgabbeessuuf tarkaanfiin akka fudhatamu waamicha dhiyeesseera.

Hammeenya haalichaa tilamaamuun manni marichaa haala Ityoophiyaa fi Gaanfa Afriikaa ajandaa ijoo akka taasifatu koomishinichi ibsa isaan akeeke turuun kan yaadatamuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.