Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti biqiltuun muuzii miiliyoonni 2.6 ol misoomaa jira jedhame

Finfinnee, Qaammee 4,2014(FBC)- Naannoo Oromiyaatti inisheetiivii misooma muuziin biqiltuun miiliyoonni 2.6 ol lafa heektaara kuma 12 ol irratti misoomaa jiraachuu ibsame.

Bara 2012 irraa eegalee inisheetiivii misooma muuziin godinaalee Oromiyaa 14 keeessaatti biqiltuun muuzii miiliyoonni 2.6 ol lafa heektaara kuma 12 olirratti misoomaa jiraachuu Ittaanaan hoogganaafi Itti gaafatamaan Damee Misooma Bunaa, Muduraa, Shaayeefi Mi’eesstuu Biiroo Qonnaa Oromiyaa  Obbo Mahaammadsaanii Amiin ibsaniiru.

Hojii kanarratti qonnaan bultoonni kumni 32 ol hirmaachaa jiraachuu ibsuu isaanii OBN gabaaseera.

Erga inisheetivichi jalqabamee hanga ammaatii muuzii sanyii filatamaa misoome bara 2015tti oomisha kennuu danda’u lafa heektaara 410 caaluurraa oomisha kuntaala kuma dhibba1fi kuma 26 ol walitti qabuun gabaaf dhiyessuuf karoorfamuu eeraniiru.

Bara 2015tti oomisha isaa babal’isuun itti fufuu kaasuun, biqiltuu miiliyoona 2 ol dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa  jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.